ONM-ABO Muddee 19, 2023
Oromiyaa bakkeewwan hedduutti raayyaa ittisa impaayerattii irraa qabee hanga milishaatti qaamni meeshaa hidhatee jiru hundi ofii maatii isaanii barsiifachaa namoota maatii isaanii hojii qonnaa fi wantoota adda addaa irratti bobbaa’anii maatii isaanii jiraachisanii fi barsiifatan dirqamaan afaan qawween adda waraanaatti guuraa jiru.
Teessuma aangoo isaaniif jecha jireenya namoota hedduu balleessaa kan jiran murni bilxiginnaa lola TPLF irraa qabee hanga har’aatti Oromiyaa fi Amaaraa keessatti adeemaa jiruun lubbuun namoota hedduu darbuun haatii fi ilmaan akkasuma abbaaf ilmaan osoo har’a dhufa boru dhufa jedhanii wal eeganii du’a walii dhaga’aa jiru.
Qoraan ibiddaaf qophaa’e gochuuf akkasuma duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachuuf ibiddatti oofaa kan jiran murni faashistii PP lixa Harargee aanaa Mi’eessoo Araddaa torbayyoo keessatti namoota adda waraanaatti fe’aa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Namoonni qabamanii jiran lakkoofsaan hedduu ta’an illee ammaaf kan maqaa arganne Firoomsaa Abdoo Sayido fi Faamii Mohammed Zeeynii kanneen jedhaman keessatti kan argaman yoo ta’u, darggaggoonni hedduun ammoo gara bosonaatti baqachaa jiraachuus maddeen ONMtti himan.

