Godina Arsii Bahaa onoota adda addaa keessatti murni bilxiginnaa namoota humnaan qabee adda waraanaatti erguuf Uummata doorsisaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Fulbaana 27, 2022 Sirni impaayerattii keessatti aangoo irratti dhufee darbu barcuma siyaasa isaa qofa tikfachuuf uummata Oromoo fi sabaa fi sablamoota biroo dirqiin qabuun gara waraanaatti erganii lubbuu dhabamsiisu gariin qaama hir’eeyyii taasisu.
Gocha farra dhala namaa fi mirga namoomaa ta’e kan kan hin dhabne moototni impaayerattii bara gadaa Abiy Ahimediis gocha kana itti fufuun gandoolee ,aanotaa fi bulchiinsa magaalaa irraa daa’immanii hanga abbootii maatii humnaa fi goyomsaan qabanii waraana xumura hin qabne lammii ofii loluutti bobbaasee jiru.
Kibba baha Oromiyaa godina Arsii bahaa onoota akka Onkoloo Waabee ,Leemmoo fi Bilbiloo akkasumas Shirka irraa namoota kudha lama kudha lama gandi tokko akka qopheessu dirqama itti kennuun haati qeerroo fi qarree ijoollee isaanii lafa kaa’an dhabanii imimmaan haqachaa jiru.
Namoota kudha lamaan qophaa’an kana keessa dhiira 10 fi shamarran lama ta’uu akka qaban dirqama itti kennuun gandi nama waraana deemu hin engine lubbuu nama tokkoo irratti qarshii 5000 walumaagalatti 60,000 akka kafalan dirqisiifamanii jiru.
Lola isa hin ilaallaneef qabeenyaa fi miidhaan nyaataa saamamaa jiraachuu kan nuuf himan jiraataan godina Arsii bahaa tokko, sirna eelaa nutti ta’ee baraan nu boossisu kana lafa ormaa irratti du’uu irra tokkummaan kaanee falmannee wareegama barbaachisuun dhala keenya bilisummaa dhaalchisuu qabna jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

