Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Wallaggaa aanoota adda addaa keessatti murni maafi’aa PP ijoollee Oromoo humnaan maatii biraa qabee leenjii waraanaaf ergaa jiraachuun dhagaa’ame

Godina lixa Wallaggaa aanoota adda addaa keessatti murni maafi’aa PP ijoollee Oromoo humnaan maatii biraa qabee leenjii waraanaaf ergaa jiraachuun dhagaa’ame.

( oduu ONM-ABO Waxabajjii 14,2022 )

Mootummaan harka tokkoon waraanni dhaabbatee, mareen biyyoolessaa itti haa fufu jechuun olola afarsuu fi dhoksaan TPLF waliin waliigalaa jira jedheamee hamatamaa jiru, Oromiyaa dachee dhiigaa fi ilmaan ishee ammoo qoran abiddaa galata hin qabne gochuuf ilmaan ishee humnaan qabee leenjii waraanummaatti ergaa jira.

Guyyaa kaleessaa Waxabajjii 13,2022 godina lixa Wallaggaa onoota akka Najjoo, Baabboo Gambeel, Jaarsoo ,Mana Sibuu, Qilxu Kaarraa fi bulchiinsa magaalaa Najjoo irraa afaan qawween dargaggoota waggaa 15 gadii qabe konkolaataa hedduu fiduun gara magaala Gimbiitti geessanii jiru.

Maatiin daa’imman kanneenii ijoolleen keenya afaan illee hin beekanii maaloo nuuf deebisaa jedhanii boo’ichaan yeroo gaafatanitti, afaan maal godha qubni sochoonaan jechuun kana mitii warra manatti hafe iyyuu nuuf dabalaa jechuun qondaaltootni fi kaabinootni murna bilxiginnaa uummata doorsisaa turan.

Akka kanaanis maatiin daa’imman osoo umriin hin ga’in humnaan qabamanii leenjii waraanaaf deemaa jiranii magaalaa Najjoo keessatti akka namni jalaa du’etti iyyaan magaalatti jeeqaa turuu fi waraanni bilxiginnaa humna fayyadamuun naannicha keessaa ari’uu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Exit mobile version