Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa Aanaa Dirree keessaa waraanni bilxiginnaa qeerroowwan Oromoo humnaan qabuun leenjii waraanaaf ergaa jira

Godina Booranaa Aanaa Dirree keessaa waraanni bilxiginnaa qeerroowwan Oromoo humnaan qabuun leenjii waraanaaf ergaa jira.

( ONM-ABO Waxabajjii 15,2022 )

Lolli uummata impaayeerattiif hin barbaachsu jechaa lola kan labsu murni faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallanne keessatti lubbuu obbaasuuf humnaan qabee gara leenjii waraanaa erguu itti fufee jira.

Haaluma kanaan torbe darbe irraa qabuun kutaalee Oromiyaa mara irraa ol adeemtota irbaata rasaasaa gochuuf konkolaataan fe’aa kan jiru murni maafi’aa PP guyyaa kaleessaa Waxabajjii 14,2022 godina Booranaa ona Dirree magaalaa Tulluu Fardaa keessaa toora sa’a 8:00 irratti ilmaan iyyeessaa humnaan guuruun konkolaataa FSR tokko guutuu moonaa leenjiitti fe’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Yeroo murni impaayeerattii bulchu bilxiginnaa maree biyyaalessaa jechuun afarsaa turuun daandii nagaaf saqee rakkoo impaayeerattii dhimmamtoota cufa hirmaachisee taasise kan hin qabnee fi inumaayyuu balbala nagaa saaquu irra harka lafa jalaan lola haaraa banuuf humna waraanaa isa jabeeffachuuf leenjiif dargaggoota dirqiin qabee geessaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version