Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Lixaa fi Baha Shaggar keessaa qeerroowwan Oromoo humnaan leenjii waraanummaa qabaa jiraachuu ibsame

Godina Arsii Lixaa fi Baha Shaggar keessaa qeerroowwan Oromoo humnaan leenjii waraanummaa qabaa jiraachuu ibsame.

ONM-ABO Hagayya 30, 2022 Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo irratti gama tokkoon lola banee badii tokko malee namoota nagaa ajjeesaa gama biraan ammoo qeerroowwan rasaasa waraana Abiy Ahimed irraa hafan humnaan qabee gara leenjii waraanummaaf ergaa jira.

Torbee darbe kana irraa eegaluun murni cunqursaa bilxiginnaa godinoota aanota Baha Shaggarii fi Arsii Lixaa keessaa qeerroowwan hedduu qabanii fe’aa jiru.
Aanoota qeerroowwan Oromoo humnaan qabamanii keessaa fe’amaa jiran kunis Arsii lixaa keessaa Shaashamannee fi Arsii Nagellee keessaa kan fe’an yoo ta’u baha Shaggar keessaa ammoo ona Baatuu irraa fe’anii jiru.

Waraanni fi dabballoonni murna faashistii PP ilmaan Oromoo daandii gubbaa irraa qabanii iddoo tokkotti walitti qabuun konkolaataa fidanii fe’aa waan jiraniif maatiin ijoollee gara magaalaa fi firoota isaaniitti baqachiisaa jiraachuu madeessan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa Baha Shaggar gabaasaniiru.

Exit mobile version