Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bahaa fi lixaa Harargee keessatti dargaggeessa humnaan qabanii mooraa leenjii erguun jabaatee itti fufee jira

Bahaa fi lixaa Harargee keessatti dargaggeessa humnaan qabanii mooraa leenjii erguun jabaatee itti fufee jira.

( ONM-ABO Waxaabajjii 4,2022 )

Godinoota baha Oromiyaa lamaan bahaa fi lixa Harargee keessaa qeerroowwan Oromoo hedduu adamsanii qabuun gara leenjii waraanaatti hoofaa jiru.

Haaluma kanaan torbee kana bahaa fi lixa Harargee onoota akka Malkaa Bal’oo, Gola Odaa Maayyuu Mulluqee, Qumbii, Bookee, aanàa Gammachiis, Ciroo fi aanàa Mi’eessoo keessaa qeerroowwan Oromoo humnaan ukkaamsanii gara waraana isaan hin ilaallanneef leenjii deemsisu.

Aanàa Xuulloo magaalaa Hirnaa keessatti ammoo qeerroowwan humnaan guuranii oolmaa dargaggootaa magaalattii keessatti walitti qabanii humnaan eegaa jiru.

Kana malees waajjira milishaa magaalattitti marsaa biraa kan guuraa turan yoo ta’u maatii ijoollee isaanii akka deebisaniif achitti argamuun boo’anii kadhachaa turan ammoo reebanii achii ari’an.

Murni faashistii PP hayyootni fi dhaabileen Oromoo tokko tokko karaa nagaa qabsaa’uu wayya jedhanii akka waraanni dhaabbatee toora nagaatti deebi’aa jirtuutti haa kaasan malee qabatamaan garuu ammayyuu sirnichi lubbuu qeerrowwan Oromoo danuu karatti hambisuuf waraana bifa haaraan labsaa jiraachuu tilmaamuun ni danda’ama.

Exit mobile version