ONM-ABO Gurraandhala 8, 2025
Murni nama nyaataan sirnichaa afaaniin “biyya natu bulcha” ofiin jedhu kan barcuma aangoo isaa qiinqaniin qorqee fixe ilmaan Oromoo xiqqaa hanga guddaatti fedhii malee humnaan qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti erguun yeroo muraasa leenjisee adda waraanaatti baasuun ilmaan Oromoo ficcisiisaa jira.
Godina Gujii Bahaa aanaa Adoolaa Reeddee gandoota hunda irraa lukkeeleen Bilxiginnaa qonnaan bultoota hedduu Guraandhala 4, 2025 irraa eegaluun ukkaamsanii maqaa “biyya keessaniif loltu” jedhuun leenjii waraanaatti humnaan qabanii geessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Oduuma wal fakkaatuun, godina Lixa Harargee aanaa Habrootti lukkeeleen Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti akkuma argan bobbaafamuun dhiiraa fi dhalaa, xiqqaaf guddaa, dhukkubsataa fi fayyaa jedhanii osoo adda hin baafatin humnaan qabuun gara leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun himamee jira.
Yeroo adda addaa aanicha keessaa dargaggoota hedduu ukkaamsanii leenjii waraanaatti ergaa kan turan lukkeeleen Bilxiginnaa, yeroo ammaa kana immoo qonnaan bultoota dabalatee namuma argan hunda humnaan ukkaamsuun leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, kanneen deemuu didan immoo hidhuu, reebuu fi qarshii hedduu kaffalchiisaa kan jiran ta’uunis ibsameera.

