Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu-Sireetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota gabaa keessaa humnaan qabuun gara leenjii waraanaatti yoo guuran Aanaa Leeqaa Dullachaatti hidhaan hammaate

ONM-ABO Sadaasa 3, 2024 

Loltoonni bilxiginnaa sababa tokko malee jalqaba maqaa adda addaa namatti maxxansuun sobaan yakkanii erga qabanii waajjira poolisiin gahanii “biyya keessaniif loltu” jechuun namoota fedhii dirree lolaatti bobba’uu hin qabnee fi maatii qaban ifaajanii guddisuu barbaadan humnaan qabanii gara leenjii waraanaatti guuraa  jiru.

Aanaa Sibuu Siree magaalaa Bujjuuraa keessaa ergamtoonni sirnichaa torban darbe namoota 50 ol gabaa keessa olii fi  gadi ari’uun erga qabanii booda “milishaa ta’uu qabdu yookiin lafa keenya gadi dhiisuu qabdu” jechuun humnaan qabanii gara leenjii waraanaatti akka dirqamaan geessan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti waraanni maafiyaa PP impaayerattii kufuuf kaate suphuuf jecha ilmaan Oromoo hunda sababa tokko malee kan humna qabuu fi hin qabne hunda walitti haruun akkuma arganitti gara mooraa waraanaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.

Oduu hidhaan wal qabatuun ammoo godinichuma  aanaa Leeqaa Dullachaatti jiraattota sababa tokko malee hidhaatti guuruun cimee itti fufuun ganda Qorkee jedhamu irraa Sadaasa 1, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Aliyyii Abdulshakur,
  2. Aniisaa Mahaammad,
  3. Iftuu Geetuu,
  4. Jamaal Ahimed,
  5. Iftuu Mahaammad,
  6. Rafiiqaa Muummee fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

Aanichatti maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni yaaddoo hamaa keessa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version