Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Wallagga Bahaa aanaa Limmuu gandoota garaa garaa keessaa namoota qabanii humnaan adda waraanaatti guuraa jiraachuun beekame

ONM-ABO Mudde 15, 2023

Bilxiginnaan waggaa sadan darban kana maqaa Itoophiyaa haa baraarru jedhuun dargaggoota hedduu adda waraanaatti guuree ficcisiisaa kan ture yoo ta’u, hardhas gochi kana fakkaatu irra deebi’amuun Godinoota Oromiyaa gariin keessatti abbootii fi dargaggootni ukkaamfamanii gara mooraa leenjii waraanaatti geeffamaa jiru.

Haaluma kanaanis, Mudde 9, 2023 irraa eegaluun Wallagga Bahaa aanaa Limmuu gandoota garaa garaa keessaa Waraanni Maafi’aa PP Qotee bultoota dabalatee namoota hojjetatanii jiraatan adamsanii qabuun erga hidhaniin booda achirraa ammoo gara mooraa leenjii loltummaatti fe’aa jiraachuu maddeen himaniiru.

Aanaa Limmuu ganda Muka Arbaa Diimmaa jedhamtu irraa nama 36 Waraanni PP ukkaamsuun Magaalaa galiilaatti erga hidhaniin booda gara leenjiitti ergaa kan jiran yoo ta’u, ganda Kooba Taattoo jedhamtu keessaas nama digdama humnaan qabanii deemuun, ganda Waarsuu irraas Bifuma walfakkaatuun namoota hedduu humnaan ukkaamsanii qabuun Leenjii waraanummaaf qopheessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa addeessaniiru.

Oduu biraatiin ammoo Godinuma Wallagga Bahaa aanaa Limmuu ganda Malka Lamii keessatti Mudde 6, 2023 mana nama Obboo Margaa Dheeressaa jedhamuu maqaa isin maatii qabsa’ootaati jedhuun loltootni impaayerattii Miseensa maatii isaanii hunda gadi baasanii cufuun, maatiin nama sagal ta’aan hanga hardhaa Bakkee keessatti rakkachaa akka jiran Maddeen aanichaa dabaluun ONMtti gabaasaniiru.

Exit mobile version