Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu gandoota Qotee bulaa hedduu keessaa namootni bakka hojii isaaniitii humnaan qabamuun adda waraanaatti guuramaa jiru  

ONM-ABO Muddee 16, 2023

Goleewwan Oromiyaa garaa garaa keessatti Waraanni bilxiginnaa dargaggoota Humnaan qabanii adda waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, aanaalee godina Wallagga Bahaa hedduu keessatti gochi kun hammaatee gaggeeffamaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Haaluma kanaanis Mudde 12, 2023 irraa eegaluun walitti fufiinsaan guyyoota Afuriif Baha Wallaggaa aanaa Limmuu ganda Somboo Gaaddisaa, Tuuttinee, Birboo fi Taanoo keessaa namootni umuriin isaanii ganna 16 hanga 80 gidduu jiru kan baayyinni isaanii 85 ta’u, waraana PPn humnaan dirqisiifamuun qabamanii gara leenjii loltummaa deemuu maddeen himaniiru.

Namoota humnaan ukkaamfamanii gara leenjii waraana PP deeman keessaa warri maqaan nu ga’e Geeta’uun Abdiisaa, Adimaasuu Mokonnon, Duubee Caalii, Taammiree Hiikaa, Gonfaa Yaadataa, Tolaa Addaamoo, Yaadataa Tafarraa, Garramuu Asaffaa, Adimaasuu Raggaasaa, Xilaahuun Taaddasaa, Muusaa Adam, Amad Muusxafaa, Xaayir Muusxafaa, Addunyaa Gammadaa, Naggasuu Baqqalaa, Tasfaa’ee Eliyaas, Lammeessaa Taakkalaa, Abiilee Usmaa’el fi Nuurii Hasan yoo ta’aan, gandoota aanichaa hedduu keessatti gochi kun jabaatee itti fufee jiraachuu ONM odeeffateeraa.

Humna waraanaa of dura buusuun kaabinootni aanicha keessaa adda durummaan hawaasa qe’ee isaa Keessa deemanii funaansisaa jiran Geeta’uun Galataa, Misgaanaa Darajjee fi Gonfaa Galataa ta’uu kan himan maddeen, Gochi kun haga ammaattillee itti fufuun humni waraanaa karaa gubbaa riphee dargaggootaa fi maanguddoota osoo hin jedhin namoota nagaa ar’ianii qabaa jiraachuu fi baayyinni namoota qabamaa jiraniis guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Exit mobile version