Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee Aanaa Mi’eessoo keessatti dargaggoota humnaan qabanii leenjii waraana impaayerattiif ergaa jiraachuun barame

ONM-ABO Sadaasa 16, 2024 

Murni faashistii PP aangoo isaa dheereffachuuf jecha namoota isaan morman irratti hidhaa fi lola hamaa geggeessaa jira.

Lola gurguddaa Tigraay, Oromiyaa fi Amaaraa keessatti geggeessuun taayitaa isaa dheereffachuuf kan hojjetu Abiy Ahimed, har’as saboota barcuma isaaf yaaddoo ta’u jedhu irratti lola itti fufuuf hawaasa dirqiin qabee mooraa leenjiitti guuraa jira.

Keessumaa Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo irraa tibba kana murni faashistii PP ergamtoota isaa bobbaasuun abbootii maatii fi dargaggoota hedduu humnaan qabee mooraa leenjiitti guuraa ture.

Sochiin kun lukkeelee PP’f daldala ta’uun namni dargaggoo 1 qabee fide Bilxiginnaa irraa qarshii argachaa akka jiruu fi maatii dargaggootaa irraas isiniif oolchina jedhanii irraa nyaachaa turuun barameera.

Milishootni magaalaa Mi’eessoo keessatti dargaggoota rakkisaa jiran Obsaa Abdallaa Jibril fi dubartii milishaa Duuniyaa jedhamtuudha.

Dargaggootni baay’een maqaa WBO deggerta jedhuun mana hidhaatti darbatamanii hiraarfamaa fi ajjeefamaa jiru. Magaalaa Mi’eessoo keessatti nama maqaan isaa Ibraahim Jibril Hasan jedhamu abbaa ijoollee 5 Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuudhaan bakka paarkii jedhamu erga geessanii booda ajjeessanii akka reeffa isaa illee waraabessi nyaatu taasisanii jiru.

Exit mobile version