Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni faashistii PP dargaggoo humnaan magaalaa Buraayyuu keessaa qabe mooraa leenjiitti yoo fe’u baha Harargee aanaa Dadar keessa ammoo bakka tokkotti walitti qabaa jiraachuun barame

ONM-ABO 11 Bitootessa 2023 Abiy

Ahimed aangootti yeroo dhufu impaayerattii keessatti nagaa akka fiduu fi yaada mo’ataan wal mormuu akka qaban dubbatus gaaffii siyaasaa impaayerattii keessatti jiru teessuma irratti deebisuu irra afaan qawwee filachuun lubbuu dhalootaa akka baalaa harcaasaa waggaa  shananaffaa kakatee aangoo fuudhe ga’uuf guyyoota lakkoofsisaa jira.

Murni waraana labsuun gaanfa Afrikaa keessatti adda durummaa qabachaa jiru bilxiginnaan barcuma aangoo isaa jabeeffachuuf loltootummaaf naaf ta’u warreen jedhu dargaggoota qe’ee isaanii irraa humnaa qabee mooraa leenjiitti geessaa jira

Bilxiginnaa  karaa kaabinootaa fi waraana isaa dargaggoota bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessaa humnaan qabanii magaalaa Holotaatti walitti qabaa turanii fi kanneen magaalichuma Keellaa, Maaramii fi Kattaa irraa fe’uu kaleessa Bitootessa 10, 2023 osoo maatiin boo’uu gara mooraa leenjiitti fe’anii jiru

Baha Harargee aanaa Dadar keessatti Roobii darbe Bitootessa  8, 2023 irraa qabuun caasaan murna bilxiginnaa dargaggoo humnaan qabuun mooraa leenjiif qopheessaa jiru.

Dargaggoota walitti qaban kana keessas maatii isaaniin qarshii 10,000 hanga 15,000tti kafalaa isiniif gadhiisnaa jechuun maallaqa irraa nyaachaa kan jiran yoo ta’u, namootni caasaa waraanaa waliin ta’uun qeerroowwan Oromoo qalma galata hin qabneef dhiyeessaa jiran Kadir Huseen Alii fi Yusuuf Husuunee ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version