ONM-ABO Hagayya 26, 2023
Gaaffii siyaasaa mariin hiikuu irra uummata impaayerattii waliin dhiiga kan dibate bilxiginnaan, yaaddoo aangoo isaaf ammas bifa haaraan dargaggoo qabee mooraa leenjiitti fe’aa jira.
Kaleessa Hagayya 25, 2023 waraanni murna faashistii PP godina Booranaa aanaa Dhaas irraa dargaggoota konkolaataa FSR tokko ta’an humna waraanaan qe’ee isaanii irraa qabuun fe’anii gara magaalaa godinichaa Yaaballootti geessanii jiru.
Ilmaan Oromoo kunneen lola isaan hin ilaallanneef dargaggootuma akka isaanii aanaalee godinichaa biroo irraa dhufan eeganii mooraa leenjii akka deeman barameera.
Aanaa Dhaas gandoota hedduu irraa dargaggoo kan qaban yoo ta’u, bulchaan ganda Hidhaa Abbaa Garoo Biiqqaa jedhamu ilmaan Oromoo isaan lolaaf barbaadan waan dhiyeessuu dhabeef, isas waliin fe’anii deemuun barameera.
Murni faashistii PP kun magaalaa Finfinnee keessattis hojjettoota daandii xiyyaaraaf leenjisnee mindlessly barbaanne jechuun guyyaa kaleessaa Hagayya 25, 2023 irraa qabuun namoota sadarkaa barnootaa kutaa 8ffaa qabu irraa kaasee hanga namoota 20,000tti hojii galmee eegalee jira.
Galmeen kun dhugumaan ilmaan haadha iyyeessaa gara daandii qilleensaaf leenjisuu osoo hin taane namootni galmaa’anii waraana deemaa waan hin jirreef akkuma kanaan dura biyya alaa baatu jechuun waraanatti ergaa ture gochuuf akka ta’e ni eegama.
Murni faashistii PP lubbuu ilmaan Oromoo aarsaa kaffalaa aangoo irra turuuf karoorfatee hojjetus, ilmaan Oromoo humnaan akkasumas goyomsaan qabamanii deeman kun leenjiin booda, Oromiyaatti yeroo deebi’an meeshaa fi hidhannoo waliin WBOtti makamaa jiraachuu gabaasaa jirra.

