Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Boorana Bahaa Aanaa Dhaas keessatti hidhattoonni humna addaa Somaalee qonnaan bultoota ajjeesaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Sadaasa 17, 2025 

Kibba Oromiyaa Godina Boorana Bahaa Aanaa Dhaas ganda Raaroo jedhamu keessatti hidhattoonni humna addaa Somaalee kan dirqama murna Bilxiginnaa irraa fudhatanii bobba’an qonnaan bultoota nagaa ajjeesaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Haaluma kanaan hidhattoonni humna addaa Somaalee kunneen ganda Raaroo bakka addaa Dhaatii jedhamutti dheengadda Sadaasa 15, 2025 qonnaan bultoota loon isaanii tikfataa turan lama irratti dhukaasuun nama tokko battalumatti yommuu ajjeesan, kan biraa tokko ammoo madeessuun  miidhaa ulfaataan irra qaqqabuun ibsameera. 

Dararaan saamichaa fi ajjeechaa akkasumas buqqaatiin hidhattoota kanneeniin uummata Oromoo godinichaa irratti taasifamaa jiru kan bubbuleedha. Keessattuu immoo dhiheenya kana gaafa Sadaasa 13 irraa eegalee aanaalee godinichaa garaagaraa keessatti haala yaaddessaa ta’een jiraattonni miidhamaa jiraachuu addeessaniiru. 

Qajeelchaa fi dirqama murna Bilxiginnaa irraa fudhatanii duula duguuggaa sanyii hawaasa Oromoo irratti raawwachuuf kan qindaa’an hidhattoonni kunneen, yeroo garaagaraatti uummata Oromoo daangaawwan gama kibbaa fi baha Oromiyaa irratti argaman ajjeesuu, saamuu fi buqqisuu itti fufanii jiru. 

Godinicha keessatti yeroo adda addaa uummata nagaa ajjeesuu fi qabeenya saamuun daran hammaachaa kan jiru yoo ta’u, yeroo darbes gandichuma kana keessatti shamarran Oromoo 3 hidhattoota kanaan ajjeefamuun kan yaadatamudha.

Exit mobile version