ONM-ABO Muddee 22, 2025
Godina Boorana Bahaa Aanaa Gumii Eeldallo Ganda Ijaaruutti kaleessa Muddee 21, 2025 hidhattoonni humna addaa naannoo Soomale uummata Oromoo Booranaa irratti lola banuun lubbuun namoota hedduu ajjeefamuu fi hedduus miidhaan qaama cimaan irra gahuu jiraattonni himan.
Akka jiraattonni naannichaa jedhanitti Bulchiinsi Godina Boorana Bahaa Obbo Abdurrazaaq Huseen guyyaa kaleessaa aanaa Gumii Eeldallo deemuun uummata daangaa isaa eeggachaa jiru daangaa irraa kaasuun Kora irrattis “osoo Shaneen jirtu isin daangaa eegna jettani asi jirtanii” jedhe erga dheekkamsaan uummata daangaa irraa kaaseen booda hidhattoonni naannoo Somaalee dhufanii lola hamaa uummata irratti akka raawwataniif qaamni haala mijeessee uummata haasise Bulchiinsa godinichaati jechuun uummatni balaaleffataniiru.
Yeroo ammaa kanas uummatni maatii fi qabeenya isaanii irraa gargar faffaca’uun miidhaan lubbuu fi qabeenyaa hammaataa ta’e irratti raawwatamuu jiraattonni godinichaa dabaluun eeraniiru.
Mootummaan naannoo Soomaalee erga ganna darbe bifa addaan godinaalee, bulchiinsa magaalaa fi aanaalee caasesseen booda lafa Oromiyaa irratti lola banee qabachaa jiraachuun ni beekama.

