Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattoonni naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun miidhaa ulfaataa jiraattota Godina Boorana Bahaa Aanaa Liiban irraan ga’uun himame

ONM-ABO Ebla 7, 2025 

Ebla 5, 2025 godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Simmintoo iddoo addaa  Baddana Camee jedhamutti hidhattoonni naannoo Somaalee uummata Oromoo Booranaa irratti daangaa cabsanii seenuun dhukaasa bananii nama maqaan isaa Qancooraa Hasan jedhamu miilla isaa lamaan rasaasaan rukutanii madeessanii jiraachuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru.

Qancooraan madoo ulfaataa miilla isaa irra ga’een yeroo ammaa hospitaala Nageellee Booranaatti yaalamaa akka jirus ifoomeera.

Kana malees dhukaasa garee shiftoota koloneel Abiy Ahimediin qinda’anii daangaa Oromiyaa cabsanii seenanii raawwatan kanaan namoonni hedduun miidhamuu fi saamichi qabeenyaa uummataa irratti raawwachuunis beekameera.

Dabalataanis hanga gabaasni kun qindaa’etti uummanni onichaa miidhaa lubbuu fi qabeenyaa isaa irra ga’aa jiruuf sodaa guddaa keessa seenuun, qaamoleen murna Bilxiginnaa tarkaanfii lubbuu oolchuu gochaa kan hin jirre yoo ta’u, haalli yeroo ammaa daangaa irraan mul’achaa jirus daran yaaddessaa ta’uu ONM odeeffateera.

Exit mobile version