Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gochoonni dabaa seera hin qabne uummata godina Booranaa irratti raawwatamaa jiraachuu jiraattotni ONM’tti himan

ONM-ABO Hagayya 28, 2024

Murni bilxiginnaa yaadaa fi hojii isaa hunda abbaa hirrummaatti deebisuun namoota nagaa afaan qawwee fayyadamee akka barbaadetti waan fedhe irratti raawwachuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan aanaalee godina Booranaa keessaa kanneen akka aanaa Dhaas, Miyoo, Waacillee, Dirree fi Areerootti dargaggoota 200 ol humnaan guuranii maqaa Raayyaa Ittisa Impaayerattii taatuun gara leenjiitti erguun maatii boossisaa jiru.

Keessattuu aanaa Dhaas’tti dargaggoota 16 humnaan qabuun reebicha hamaa ta’e erga irratti raawwataniin booda konkolaataatti guuranii deeman jedhu jiraattonni taatee kana ijaan argan.

Akkasumas barattootni dhaabbilee barnoota olaanoo irraa boqonnaaf galanii maatii bira jiran dirqamaan leenjii tokko malee qawween gara Dukkalleetti gadi buutanii  eegdu jechuun dirqisifamaa jiru.

Aanaalee Yaaballoo, Areeroo, Goomolee, Eelwayyee fi Dirreetti lafti hundinuu maqaa investimentii sobaan saamamtee uummanni iddoo itti loon bobbaafatu kan dhabe yoo ta’u, miidhaa isaan irra ga’u iyyatanis kan birmatuuf hin argamne.

Inumaayyuu reebicha, hidhaa fi saamicha jabeessaa jiraachuu jiraattotni himuun, kaabinootni lafa akka fedhanitti fudhachaa fi warreen maqaa investimentiin dhufaniif hiraa jiru jedhan.

Warri bilxiginnaa, ooyiruu abbootii qabeenyaa lama sadii suuraa kaasuun gabaasa dharaatiin beela uummata keenyaa dhoksaa jiru jedhu jiraattotni godina Booranaa.    Beela uummataatti qoosuun dhaabbileen gargaarsaa kanneen akka CARE, USAID fi UNDP gargaarsa Booranaaf ergan, gara naannolee kibba Itoophiyaatti deebisaniiru jedhu.

Warri Godina bulchu aangoo isaanii dheereffachuuf uummata gidduutti qooddaa fi jibbiinsa uumuuf tattaafataa akka jiranii fi hojii isaanii badii kanaaf ammoo rogeessitoota (activist) hedduu Facebook irratti bobbaasuun hololaa fi dhara oofsisaa jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version