ONM-ABO Sadaasa 17, 2025
Godina Harargee Lixaa, Aanaa Habroo ganda Dansee keessatti waraanni goolessituun Impaayerattii dargaggoota ja’a humnaan mana maatii isaaniitii guuranii bakka tokkotti ajjechaa suukanneessaa irratti raawwachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Gochi suukanneessaan dargaggoota nagaa irratti raawwatame kun ummata naannoo sanaa haalaan kan rifaasise ta’uu jiraattonni naannichaa miira gaddaan dubbataniiru.
Jiraattonni naannichaa akka jedhanitti, humnoonni gara jabeeyyiin PP dargaggoota ja’a humnaan walitti qabanii rasaasa itti roobsuun erga ajjeesanii booda reeffa isaanii uummanni kaasanii akka hin awwaalle dhorkuun bineensa nyaachisan jechuun addeessaniiru.
Gandichatti jiraattonni naannichaa “gochi raawwatame kun seeraa fi naamusa namoomaa kan cabse, akkasumas gara jabinaa fi hammeenyi sirnichaa daangaa darbuu calaqqisiisa” jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dargaggoonni ajjeefaman kunneen maqaan isaanii:
1. Nuuree Abdurramaan Mohaammed,
2. Dursaa Mohaammad Sheekaa,
3. Najiib Huseen,
4. Naasir Haamidoo,
5. Muktaar Mohaammedii fi
6. Zeeynii kanneen jedhamaniidha.
Hawaasni aanaa Habroo fi ganda Dansee guutuun guyyaa har’aa sodaa, rifaatuu fi gadda jabaa keessa jiraachuu kan himan jiraattonni, dargaggoonni kunneen namoota hojii dhuunfaa isaanii hojjechuuf oliif gadi dhama’an malee miseensa dhaaba siyaasaa kamiinuu akka hin taane dabaluun ibsaniiru.
Lukkeeleen Bilxiginnaa kan koloneel Abiy Ahimadiin durfaman kan bakka deeman hundatti meeshaa waraanaa hidhatanii argaman uummata nagaatti galagalchanii ajjeesuun saba Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachaa jiraachuun ni beekama.

