Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee Lixaa aanota hedduu keessaa dargaggootni humnaan qabamanii adda waraanaatti funaanamaa jiru

ONM-ABO Sadaasa 25, 2023

Ilmaan Oromoo Golee Oromiyaa cufa keessaa humnaan adamfamuun adda waraanaatti guuramaa kan jiran yoo ta’u, lafee fi dhiiga ilmaan hiyyeessaan barcuma aangoo isaa tikfachuu bartee kan taasifate koloneel Abiy Ahimed dargaggoota humnaan Dirree waraanaatti guuruu jabeessee jira.

Haaluma kanaanis godina Harargee Lixaa aanota akka Odaa bultum, aanaa Gammachiis, aanaa Habroo, aanaa Bokee, aanaa Burqaa Dhintuu, aanaa Gubbaa qorichaa fi aanaa Ciroo keessaa kaleessa Sadaasa 24, 2023 dargaggoota Oromoo daandii gubbaarraa humnaan dirqisiisanii qabuun adda waraanaatti erguuf Mana Hidhaa keessatti walitti qabaa jiraachuu maddeen himan.

Akka maddeen jedhanitti duulli dargaggoota funaanuuf godhamaa jiru Kun, tooftaalee garaa garaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, keessattuu walga’ii jechuun dargaggoota hedduu eega walitti qabataniin booda bakka walga’ichaatii ukkaamsuun gara adda waraanaatti guuranii deemuun jabaatee waan jiruuf, dargaggootni walga’ii sirnichi isin waamu irratti akka hin argamne jechuun dhaamsa isaanii dabarfatan.

Exit mobile version