ONM-ABO Muddee 16, 2023
Lola TPLF waliin waggaa lamaa oliif ture irratti ilmaan Oromoo kumaa dhibbootaan lakkaa’aman kan ajjeefaman yoo ta’u, ammas akkuma bara darbee haatii ilmaanni ilmaan isheetti boqochuun hafee dirqamaan murniin biyyan bulcha ofiin jedhu adda waraanaatti ergaa jiru.
Haaluma kanaan tibba kana akkuma bara darbee dargaggoota Oromoo qoraan ibiddaaf qophaa’e gochuuf dirqamaan duula jabaa dargaggoota irratti geggeessaa jiru.
Gaafa Muddee 13, 2023 aanaa Qarsaa magaalaa Laangeey keessatti haadha mucaa daa’ima hoosistu kan nama ishee gargaaru hin qabne maaloo nama na gargaaru hin qabuu naaf dhiisaa jettee kadhattus didanii ishee fi ilma ishees ajjeesuu maddeen magaalichaa himan.
Harargee bahaa aanaalee hunda keessatti dirqamni kun jabaatee itti fufuun dargaggoonni hedduunis akka waan balleessaa qabaatanii fakkeessuun sobanii mana hidhaatti naquun achirraa ammoo gara adda waraanaatti fe’amaa jiraachuu maddeen himaniiru.

