Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaatti PP’n dargaggoota godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa dhufan gara leenjii waraanaatti ergaa jira

ONM-ABO Caamsaa 24, 2024

Bara murni bilxiginnaa aangoo impaayerittii harkatti galfate keessa uummanni Oromoo bakkeewwan hedduutti bakka dhaloota isaa irraa deemee iddoowwan birootti imalee jiruu fi jireenya isaa kan hin geggeeffannee fi ajjeechaa qabee hanga dirqamaan waraqaan eenyummaa isaa ilaalamee adda waraanaatti guuram asu irra ga’ee  jira.

Godina kanatti godinaalee Oromiyaa biroo keessaa kanneen jireenya isaanii jijjiiruuf magaalaa kanaa dalagatanii bulan ija biraan ilaaluun kan jiru ta’uu kan himan jiraattonni, dargaggoota maatiin isaanii dhalataa godina Jimmaa ta’an irraa maallaqa fudhachuun yoo gadi dhiisan, godinaalee biroo irraa kanneen hojii barbaachaaf gara sana deeman immoo sababoota adda addaa itti maxxansuun adamsanii gara leenjii waraanaatti ergaa jiraachuu namoonni nuti dubbisne tokko tokko himan. 

Kaadiroonni PP godina irraa aanoleetti gadi bu’uun uummata qabaa kan jiran yommuu ta’u, dararaa hamaan maatii dargaggootaa fi dargaggoota irra ga’aa jiru hedduu kan nama yaaddeessuudhas jedhan.

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo gandaa fi lagaan qoodee tokkummaa Oromoo adda facaasuu irratti hojjetu bilxiginnaan, ilmaan Oromoo godina biraa irraa dhaqan bakkichatti akka sodaan jiraatan taasisaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version