Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Magaalaa Adaamaa keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP dargaggoota hedduu maqaa lixa Oromiyaa fi kibba lixa Shaggar irraa dhufteen qabanii adda waraanaatti ergaa kan jiran yoo ta’u, bulchiinsa magaalaa Dukam keessattis hidhaan hammaate

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2023

Ilmaan Oromoo bakka dhaloota isaaniin adamsamanii magaalota Oromiyaa hunda keessatti hidhattoota garee maafi’aa PPn waraqaan eenyummaa isaanii erga irraa fuudhameen booda waraqaan eenyummaa isaanii lixa Oromiyaa fi kibba lixa Shaggar yoo ta’e ni qoratamtuu kottaa jechuun fuudhanii waajjira poolisii erga geessaniin booda maallaqa kuma kudhan kanfalchiisuun, kan hin qabne ammoo adda waraanaatti ergaa jiru jedhu maddeen magaalichaa.

Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Onkoloolessa 24, 2023 irraa eegaluun magaalaa Adaamaa keessatti dargaggoota karaa irratti argan hunda 3F irra kaa’uun akka nama yakka hojjateetti waajjira poolisiitti guuraa jirus jedhu.

Boodarra achi baasuun gara adda waraanaatti erguuf qophiitti kan jiranii fi ilmaan Oromoo qoraan ibiddaaf qophaa’e gochuuf jiru kan jedhan maddeen, sabboontotni ilmaan Oromoos akka of eeggannoo godhanii fi lola isaan hin ilaallanne irratti akka hin hirmaannes jedhaniiru.

Oduuma wal fakkaatuun bulchiinsa magaalaa Dukam keessattis walitti bu’iinsa murna bilxiginnaa gidduutti uumamee jiruun guyyaa kaleessaa jechuunis Onkoloolessa 24, 2023 dargaggoota hedduu mana hidhaatti guuraa akka jiran maddeen himuun yeroo ammaas magaalicha keessatti wal shakkiin hidhattoota garee maafi’aa gidduutti akka adeemaa jirus dubbatu.

Exit mobile version