ONM-ABO Sadaasa 28, 2023
Jalqaba dargaggoonni lama Kamisaa gaafa Sadaasa 23, 2023 magaalaa Tullu Boolloo hoteela Siinboonee jedhamu keessaa hidhattoota garee maafi’aa PPn qabamuun waajjira poolisii magaalichaatti akka hidhaman dubbatu.
Akka ONM jiraattotaa fi maddeen magaalichaa irraa odeeffatetti dargaggootni kunneen hoteela Siinboonee keessaa nyaata osoo fayyadamaa jiranii hidhattoota garee maafi’aa PP magaalicha jiraniin qabamuu dubbatu.
Erga dargaggootni kunneen qabamanii deemanii booda namootni hoteelicha keessaa wantoota adda addaa fayyadamaa turan, ijoolleen kun Walisoo irraa dhufan, nama nagaa turan maal balleessanii qabaman laata jechuun, walitti hasaasaa turuu jiraatan magaalicha tokko namoota dargaggoota kana beekanii fi yeroo isaan walitti hasaasan dhaga’ee fi arge ni dubbata.
Dargaggootni kunneenis gaafa Kamisaa qabamuun Sanbata halkan sa’a 8:30 irratti mana hidhaa irraa namni itti gaafatamaa waajjira poolisii magaalichaa Habtaamuu Kabbadaa jedhamu baasuun rasaasa itti dhukaasanii qarqara magaalaa Tullu Boollootti tokkoo isaanitti uffata waraanaa uwwisuun akka waan waraana bilisummaa Oromoo qabanii fakkeessuun ajjeesanii gatuu jiraattotni himan.
Dargaggoota kanas bakka dhalootaa fi maqaan isaanii kan hin beekamnee ta’uu himuun, reeffi isaaniis hanga dilbataatti bakkee keessa ciisaa turuun gaafa dilbataa galgala qeerroo bilisummaa Oromoo magaalichaan akka kaafamanii awwalaman dubbatu.
Murni bilxiginnaa yeroo ammaa dargaggootaa fi qonnaan bultoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun duguuggaa sanyii irratti raawwachaa akka jiru kan eenyu jalaa illee dhokate miti.
Oromiyaa keessatti bakka tokkoo gara bakka birootti socho’uun yakka ta’aa dhufuun yeroo dhihoo asitti namni jumlaan ajjeefamuu bira darbee hidhaaf saaxilamaa jiraachuu fi hidhaas baasanii ajjeesuunis hidhattoota Kolonel Abiy Ahimed biratti aadaa ta’ee jira.

