ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2023
Lola impaayerattii keessatti adeemaa jiruun walqabatee ilmaan Oromoo yeroo ammaa gaagaa’ama hamaa keessa seenuun kaabinoota dantaa mataa isaaniif jiraatanii fi waraana maalif akka meeshaa baatu hin beekneen guyyaa guyyaan gochootni fokkisoo ta’aan irratti raawwatamaa oola.
Haaluma kanaan godina Kibba lixa Shaggar aanaa Bachoo magaalaa Tullu Boolloo keessatti dargaggoota bara TPLF adda durummaan aanicha keessatti akka TPLF aangoo irra bu’u gochuun hojjechaa turan, har’a ammoo murna bilxiginnaan galanni isaanii jumlaan guuramanii mana hidhaa ta’eefii jira.
Dargaaggoonni hidhamanii jiran kunneenis Tarrafaa, Masfin, Abdiisaa, Korraa, Hargachoo, Yeroosan Lammeessaa, Gosaa, Caalaa, Barsiisaa Girmaa Caalaa, Soorii, Lataa, Mul’ataa kanneen jedhaman baatii lamaa fi isaa ol waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jirus jedhaniiru.
Itti gaafatamaa waajjira Poolisii aanichaa namni Haaftamuu Kabbaddee jedhamu ijoollee kanaan icciitii isin Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabdan baasaa jechuun halkanii guyyaa piistoo mataa irra kaa’uun doorsiisaa jiras jechuun dubbatu.
Dargaggoonni mana hidhaa aanichaa keessatti murtii seeraa malee hidhamanii dararamaa jiran kunneenis reebicha irratti raawwatamaa jiruun dhukkubsachaa jiraachuu fi mana yaala deemanii akka hin yaalamnees dhorkatamuun gidirfamaa jiraachuus dabaluun dubbatu.

