Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Bachoo keessatti waraanni maafiyaan PP dargaggoota Oromoo 2 ajjeesanii gatuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 24, 2025 

Aanaa Bachoo magaalaa Tullu Boolloo laga qarqara magaalichatti argamu cinatti Bitootessa 20, 2025 galgala keessaa toora sa’a 12:00’tti ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii: 

  1. Xilee Taarikuu fi 
  2. Gammachuu Siisaay 

jedhaman osoo isaan dhimma dhuunfaa isaaniif imala irra jiranii Baajaajii keessaa buusuun ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoonni kunneen siyaasa kam keessatti illee qooda kan hin fudhanne ta’uu himuun, waraanni maafiyaan PP ammoo maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoof nyaata geessaa jirtu” jedhuun rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiraachuun ibsameera.

Kutaalee impaayerattii cufa keessatti ergamtoonni Koloneel Abiy Ahimed haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo nagaan mana isaanii jiraatan qabuun yakkoota suukkanneessoo garaa garaa irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Exit mobile version