ONM-ABO Bitootessa 31, 2025
Jiraataa magaalaa Haaruu kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Musxafaa Alii jedhamu Bitootessa 28, 2025 tiksitoonni impaayera Itiyoophiyaa badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Musxafaan siyaasa kam irraa walaba yoo ta’u, ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun ajjeesanii deemuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Duula qindaa’aa duguuggaa sanyii Koloneel Abiy Ahimediin uummata Oromoo irratti labsame raawwachuuf dirqama fudhatanii kan bobbaafaman loltoonni faashistii PP, goleewwan Oromiyaa mara keessaa guyyaa guyyaan hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa gara jabinaa hawaasa nagaa irratti raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.

