Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina kibba lixa Shaggar aanaa Bachoo magaalaa Tullu Boolloo keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP dargaggoo tokko rasaasaan rukuchuun madeessan

ONM-ABO Onkoloolessa 13, 2023

Waraana sabaan Amaara ta’aan filee Oromiyaa keessatti kan bobbaase koloneel Abiy Ahimed, hidhattoota maqaa nageenya uummataa eeguu jedhuun hawaasatti bobbaase kanneeniin naasuu tokko malee gochoota rifaasisoo uummata nagaa irratti raawwachaa jira.

Haaluma kanaanis dargaggoo Fayyisaa Irgixaa Jedhamu dheengadda jechuunis Onkoloolessa 11, 2023 ganama sa’a tokko irratti aanaa Bachoo magaalaa Tullu boolloo keessatti balleessaa tokko malee rasaasaan rukutuu jiraattotni himan.

Dargaggoon kun Baankii Siinqee damee Daawoo keessaa hojii waardiyyummaa kan hojjetu yoo ta’u, miidhaa irra ga’eenis yeroo ammaa waldhaansaaf hospitaala magaalaa Walisootti kan argamuu fi haalli inni keessa jirus akkaan yaaddessaa ta’uu dubbatan.

Namni kun maallaqa ittiin yaalamu waan hin qabneef hospitaala olaanaa deemuuf illee danqamee rakkachaa kan jiruu fi hiriyyoota isaa dabalatee namootni tokko tokkos maallaqa walitti qabaa jiraachuufiis himan.

Exit mobile version