ONM-ABO Waxabajjii 23, 2024
Bilxiginnaan maddi aangoo jabaan uummata ta’uu dagatee, aangoo silaa uummanni ittiin of bulchu bulchiinsa dhuunfaa isaa godhachuun, gartuulee abbaa irreef hojjatan hawaasatti bobbaasuun uummata nagaa ajjeesisuu jabeessaniiru.
Bifuma kanaan ajjeechaa jumlaan hidhamtoota maqaa siyaasaan yakkamanii harka waraanaa fi qaama nageenyaa ofiin jedhan harka jiran murtii seeraa malee ajjeesuu hammeessaniin godina Kibba Lixa Shaggar magaalaa Tullu-Boolloo keessaa halkan namoota baasanii ajjeesanii jiru.
Robii darbe Waxabajjii 19, 2024 magaalaa Tullu-Boollootti namoonni hidhamanii turan, baafamanii ajjeefamuun yoo himamu, ammaaf namoota ajjeefaman keessaa kan maqaan nu ga’e konkolaachisaa Margaa Baay’isaa kan jedhamuudha.
Obbo Margaan dhalootaan godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Wasarbii Migirriddii ta’uun yoo himamu, yakka tokko malee namoota maqaan isaanii hin ifoomin waliin mana hidhaatii baafamanii ajjeefamuus himaniiru.

