Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar magaalaa Tullu Boolloo keessatti waraanni maafi’aa PP dargaggoo tokko mana hidhaatii baasuun ajjeesan

ONM-ABO Waxabajjii 21, 2024

Murni abbaa irree bilxiginnaa daangaa aangoo dhabuun aangoo mana murtii dabalatee caasaalee cufa dhuunfachuun mana murtii moggaatti dhiisanii koree nageenyaa jechuun ragaalee fi qorannoo seeraa malee daangaa aangoo mana murtiitti darbuun murtii siyaasaan seera malee ol adeemaa Oromoo kichuu baay’ee waan siyaasaa hin beekne karaarraa deebisaa jiru.

Waxabajjii 20, 2024 Godina Lixa Shaggar magaalaa Tullu Boolloo keessatti toora naannoo sa’a 3:20’tti warri ajjeesuun injifatamuu isaanii of irratti mirkaneessan nama maqaan isaa Margaa Raggaasaa jedhamu mana hidhaatii baasuun ajjeesuun barameera.

Dargaggoon kun dhalataa aanaa Tolee yoo ta’u bakka itti hidhamee ture aanaa Bachoo magaalaa Tullu Boolloo keessatti sirna akka taphaatti lubbuu ilmaan Oromoo baalleessuun akka ajjeefame jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Erga ganna ja’a  gara aangootti dhufee kaasee qoqqoodamnii fi daangaan aangoo hafee harka nam-tokkee hoogganaa koree nageenyaan namoota qaqqaalii, qaroo fi kichuu baay’ee kan itti dhabne har’a nageenyi ittuu hammachaa deemus “gowwaan waan qabe hin gadi hin dhiisu”akkuma jedhan ammas irraa barachuu dadhabee dhiigaan machaa’ee daran hammaachuun ilmaan Oromoo sanyii duguugee seenaa dhagaa’amee fi argamee hin beekne hojjechaa jira.

Exit mobile version