Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaalee godina kibba lixa Shaggar keessaa dargaggootni hedduun maqaa seelii Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun sassaabamanii magaalaa Walisoo keessatti yeroo dheeraaf hidhamanii dararamaa jiraachuun beekame 

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023

Oromiyaa keessatti namoota nagaa maqaa siyaasaan yakkamanii hidhaman manni murtii yakka isaanii qoratee bilisaan gadi dhiisus waajjirri poolisii garuu murtii seeraa cabsuun afaan qawween gara waajjira isaaniitti deebisuun, barbaadan ajjeesaa, haga fedhanis achi keessatti hiraarsaa, isin gadhiisna jechuunis maallaqa hedduu harkaa saamaa lubbuu ilmaan Oromoon taphachaa jiru. 

Kana malees Oromiyaa keessatti akka waan hidhaa isaa xumurateetti bilisa baatee gali jechuun duuka bu’anii hordofuun bakkeetti ajjeesanii gatuunis waan baratamaa ta’eedha.

Haaluma kanaan godina Kibba lixa Shaggar aanaalee akka Sooddoo Daaccii, Haroo Wancii fi magaalaa Walisoo keessaa dargaggootni hedduun manni murtii bilisaan gadi dhiisus waajjiri poolisii garuu diduun baatii dheeraaf hidhee dararaa jira.

Dargaggootni Waakennee Katamaa aanaa Sooddoo Daaccii, Taaddasaa Zawudee Sooddoo Daaccii magaalaa Tarree, Alamuu  Kaasaa Haroo Wancii,  Salamoon Taayyee  Haroo Wancii, magaalaa Haroo fi Abishee Alamuu aanaa Baddeessaa Qorichaa irraa qabaman manni murtii bilisa isaan gadi dhiisus waajjirri poolisii diduun waggaa tokkoo oliif magaalaa Walisoo keessatti hidhee hiraarsaa jiraachuun beekame.

Dargaggoonni kun balleessaa qabaatanii osoo hin taane maqaa seelii Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun akka waggaa tokkoo oliif hidhamanii jiran maddeen dubbachuun, dargaggoon Salamoon Taayyee hidhaa yeroo dheeraatiin booda mana hidhaaa aanichaa keessaa baafamee ajjeefamuu fi Alamuu kaasaa ammoo ragaan sobaa itti ba’aamuun murtii waggaa kudha shanii fudhatee mana hidhaa magaalaa walisoo seenee jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Mana hidhichaa keessaa dargaggoonni hedduun  achi buutee dhabamsiifamanii jiraachuu fi hanga ammaattillee maatiin iyyaafachaa jiraachuu himuun, yeroo ammaas hidhaan jabaatee itti fufuunis dubbatame.

Exit mobile version