Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaalee godina kibba lixa Shaggar keessatti dargaggoota hanga maanguddootaatti ukkamsuun maallaqa irraa guuraa jiraachuun beekame

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Dinagdee humna waraanaan harkatti kufe deebisanii ijaaruuf jecha murni bilxiginnaa tooftaa mataa isaanii baafachuun yeroo ammaa Xinnaa guddaa osoo hin jenne namoota jumlaan guuranii mana hidhaatti naqanii maallaqa irraa guurrachaa jiru.

Tooftaan isaanii inni jalqabaa akka waan adda waraanaatti fe’aa jiranii fakkeessuun kan qaban yoo ta’u, inni lammaffaan ammoo maqaa waraana bilisummaa Oromoon yakkuun qabanii kan itti fayyadamaa jiraniidha jedhu.

Tooftaan kun akkasuma guutuu Oromiyaatti dhimma itti ba’aa kan jiran yoo ta’u, kibba lixa Shaggar aanaalee godinichaa hanga baadiyyaatti torban kana irraa kaasuun raawwachaa kan jiranii fi   nama tokko irratti qarshii 5000 hanga 15,000 fuudhanii gad dhiisaa jirus jedhaniiru.

Namoota dirqamaan qabaman kanas aanaa itti qabaman keessaa gara aanaa biraatti dabarsanii kan hidhan yoo ta’u, yeroo maatiin waajjira poolisii aanaa isaanii nyaataa fi wantoota akka uffannaa geessaniif isaan ammoo aanaa akkasii jiru jechuun gara aanaa biraatti erguun yeroo maatiin achitti gaafatan maallaqa hanga kana kaffalaati baafadha jedhanii hojii saamichaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiru jechuun jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version