ONM- ABO Amajjii 2, 2024
Murni bilxiginnaa adeemsa malaamaltummaa dagaagsee jiru, maqaa jeequmsa naannoo waliin wal-qabsiisee namoota dhuunfaa fi hojjettoota qaama isaa ta’uun hojjetan bakka maratti hidhee gochoota isaan keessaa hin qabneen dararuu itti fufee jira
Akkuma kanaanis godina Kibba lixa Shaggar aanaa Sadeen Sooddoo irraa hojjetaa waajjira galii kan ta’e obbo Yoobsan Fayyisaa kan jedhamu kaadirootni PP adeemsa dabaan waajjira inni keessaa hojjetu keessaa aangoo isaanitti fayyadamuun maallaqa kan saaman yoo ta’u, boodarra ammoo gaaffii qaama isaan gararraa irraa isaaniif ka’u irraa bilisa of taasisuuf jecha yeroo ammaa obbo Yoobsan akka hidhantu himama
Hojjetaan waajjira galii kun erga hidhamee torbanoota sadii ol lakkoofsisaa kan jiru hogguu ta’u, qaama seeraa mana murtittii haga ammaatti kan hin dhiyaannee fi mirgi mana adabaa irraa wabiin ba’uus kan hin kennamneef yoo ta’u,murni bilxiginnaas ilaalcha gaarii WBOf qabda jechuunis maqaa dharaan dararaa akka jiran jiraattotni ONMtti himaniiru
Aanga’ootni mootummaa impaayeera Itoophiyaa yeroo ammaa namoota gaaffii isaan irratti kaasan dhugaa isaanii jalaa awwaaluun hiree namoota nagaa saamicha, hidhaa fi ajjeechaa gochuun umurii aangoo isaaniif guyyuu kan hojjetaa jiran yoo ta’u,dhugaan lafarra jiru garuu sirni bilxiginnaa uummataaf kan dhaabbate osoo hin taane ajjeestota dhiiga qulqulluu akka ta’e jiraattotni irra deddeebiin ni dubbatu.

