ONM-ABO Ebla 9, 2024
Uummanni Oromoo mirga ofiin of bulchuu erga sarbamee, qaama aangoo impaayerrattiin bara dhufaa darbaa adamsamee manneen hidhaatti guuramuu, saamamuu fi ajjeefamuun hiree isaa ta’ee jira.
Sabni Oromoo hanga ammaatti filannoo haqa-qabeessa keessatti hirmaatee mootummaa diimokiraatawaa filatee kan hin beekne yoo ta’u, murni Oromoo maqaa dha’achuun gara aangootti dhufe bilxiginnaan ammoo kan baroota duraa caalaa hammeenyummaa isaa jabeessuun godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee bulchiinsa magaalaa Baantuu irraa hojjettoota mootummaa qabanii hidhan.
Hojjettootni hidhaman kunneenis maqaan isaanii: Naa’ol Ayyettaa hojjetaa waajjira bishaanii, Addeessaa Taaddasaa hojjetaa waajjira geejjibaa fi Waaqkennee kan jedhamus waajjira geejjibaa irraa akka ta’e himaniiru.
Sababiin hidhamuu hojjettoota kanaa maqaa caasaa WBO magaalaa keenya keessatti babal’isaa jirtu jedhuun akka ta’es dabaluun ibsaniiru.

