ONM-ABO Caamsaa 24, 2024
Gareen hojii badii fi yakkoota mirga namoomaa raawwatu ajaja koloneel Abiy Ahimed irraa fudhatee socho’uun maatii harka qalleessaa, deggeraa qaama kamii namoota hin taane maqaa sobaan isin deggertoota”WBO”ti jechuun hidhaa fi hidhaatii baasee ajjeechaa irratti raawwatu jabeessee jira.
Akkuma kanaanis godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee bulchiinsa magaalaa Baantuu keessatti namoonni hedduun maqaa deggertoota waraana bilisummaa Oromooti jedhuun yakkamanii baatiilee dheeraaf hidhamanii turan waraana sirna PP’n buufata poolisii aanichaa irraa baafamanii ajjeefamuun himame.
Caamsaa 22, 2024 namoonni sadii kanneen maqaan isaanii: Baay’isaa Miidhaksaa, Rattaa Guutamaa fi Guutaa Gammachuu jedhaman bulchiinsa magaalaa Baantuu ganda 01 keessatti ajjeefamuun gataman jedhu jiraattonni.
Namootni ajjeechaan kun irratti raawwatame bakki dhaloota isaanii: Halliitii fi Armuufoo soolee bakka jedhamu irraa akka ta’e kan himan jiraattonni, ganda jireenya isaanii irraa qabamuun hidhaatti erga dararamanii hidhaa baafamanii ajjeefaman jechuun ONM’tti himaniiru.

