• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee bulchiinsa magaalaa Baantuu keessaa hidhamtoonni siyaasaa sadii waraana maafi’aa PP’n ajjeefaman

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 24, 2024

Gareen hojii badii fi yakkoota mirga namoomaa raawwatu ajaja koloneel Abiy Ahimed irraa fudhatee socho’uun maatii harka qalleessaa, deggeraa qaama kamii namoota hin taane maqaa sobaan isin deggertoota”WBO”ti jechuun hidhaa fi hidhaatii baasee ajjeechaa irratti raawwatu jabeessee jira.

Akkuma kanaanis godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee bulchiinsa magaalaa Baantuu keessatti namoonni hedduun maqaa deggertoota waraana bilisummaa Oromooti jedhuun yakkamanii baatiilee dheeraaf  hidhamanii turan waraana sirna PP’n buufata poolisii aanichaa  irraa baafamanii ajjeefamuun himame.

Caamsaa 22, 2024 namoonni sadii kanneen maqaan isaanii: Baay’isaa Miidhaksaa, Rattaa Guutamaa fi Guutaa Gammachuu jedhaman  bulchiinsa magaalaa Baantuu ganda 01 keessatti ajjeefamuun gataman jedhu jiraattonni.

Namootni ajjeechaan kun irratti raawwatame bakki dhaloota isaanii: Halliitii fi Armuufoo soolee bakka jedhamu irraa akka ta’e kan himan jiraattonni,  ganda jireenya isaanii irraa qabamuun hidhaatti erga dararamanii hidhaa baafamanii ajjeefaman jechuun ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading