ONM-ABO Bitootessa 26, 2024
Koreen ajjeechaa qondaaltota olaanoo impaayerattiitiin Oromiyaa keessatti duguuggaa sanyii uummata nagaa irratti akka geggeefamuuf hundeeffame kutaalee Oromiyaa iddoowwan adda addaatti namoonni nagaan haala suukkanneessaan rasaasaan waadamuu fi ajjeechaa dhoksaan irratti geggeefamu daran hammaatee jira.
Guyyaa kaleessaa jechuun Bitootessa 25, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Baantuu keessatti dargaggoon maqaan isaa Saayidoo Katamaa Darra’ee jedhamu kan dhalootaan aanichuma ganda Abeebee Sillaasee fi Gichillaatti dhalate sababa tokko malee ija hawaasaa duratti rasaasa sirnichaan ajjeefamuu jiraattotni ONM’tti himan.
Dargaggoon kun hanga maatii isaa biraa fuudhamee ajjeefamu kanatti maatii isaa hojii qonnaa gargaaruun kan jiraachaa ture yoo ta’u, hidhattootni kunneenis gara ganda sanaatti imaluun maqaa obboleessa keetu miseensa WBO’ti jedhuun akka ajjeesanis dabaluun himan.
Akka jiraattotni kunneen jedhanitti obbolleessi kee Waraana Bilisummaa Oromooti, eessa jira jechuun gaaffii adda addaa erga itti dhiheessaniin booda fuudhanii deemuun waajjira poolisii fuulduratti rasaasa itti roobsuun akka ajjeesanis barameera.
Aanicha keessatti irra deddeebiin namoonni nagaan akka baalaa harca’uu akkasumas manneen isaanii irratti gubachuun namoonni hedduun qe’ee fi qabeenyaa isaanii ala ta’anii olii gadi faffaca’anii jiraachaa akka jiranis yeroo hedduu jiraattotni aanichaa ONM’tti himaa turaniiru.

