Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Shaggar Aanaa Sadeen Sooddoo keessatti murni PP reebicha, hidhaa fi dararaa addaa addaa maatii qabsaa’otaa irratti geggeessaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajjii 7, 2025 

Waxabajjii 5, 2025 aanaa Sadeen Sooddoo ganda Uraagoo Kallachaa keessatti maqaa ilma keessantu Qeerroo Bilisummaa Oromooti jedhuun nama maqaan isaanii:

  1. Obbo Araboo Alii fi haadha warraa isaa  
  2. Aadde Kadijjaa Adoo 

qe’ee isaanitti dhaquun dhukaasa irratti bananii reebicha jabaa irraan ga’uun qabanii waajjira poolisii aanichaatti geessuun hidhanii dararaa jiraachuun dhaga’ameera.

Kana malees gara jabeeyyiin ergamtoota sirnichaa kunneen gandichuma keessaa haadha tokko kan yeroof maqaan ishee hin beekamin jiru guyyuma kana daa’ima baatii 8 irraa qabanii kan hidhan yoo ta’u, haadhaa fi daa’imni adda ba’uu hordofees daa’imni kun dhukkubsattee akka jirtus dabaluun kan himan jiraattonni, guyyuma kana nama maqaan isaa Maammud jedhamus loltoota sirnichaan reebichi irratti raawwachuun hidhamee akka jirus ibsameera.

Dhiibbaa loltoonni Bilxiginnaa golee Oromiyaa keessatti taasisaa jiraniin uummanni Oromoo waggoottaniif dararaa ulfaataa keessa kan jiru yoo ta’u, tarsiimoo guyyuu sirnichi irratti diriirsaa jiruun maatiin qabsaa’otaa hiraarfamuun hidhamuu, ajjeefamuu, saamamuu fi sodaachisaan guyyuu yaaddoo ulfaataa keessa akka jiranis dabaluun dubbatu.

Exit mobile version