ONM-ABO Fulbaana 11, 2024
Saamicha qabeenya hawaasaa irratti yeroo ammaa maqaa qabeenya diinaa jedhuun saamamuu fi aangoon wantoota ijoo irratti kaabinoonni Bilxiginnaa yeroo irraa yerootti wal dhabuun wal hidhaa fi hojii irraa wal ariisisaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Sadeen Sooddootti Kaabinoonni PP walii isaaniitii wal hidhaa jiraachuun ibsamee jira.
Fulbaana 8, 2024 tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo caasaa haaraa gandaa PP’n bobbaafaman uummatni fudhachuu diduu irraa ka’uun, Kaabinoonni PP sodaa fi yaaddoo horataniin kaabinoonni aanaa Sadeen Sooddoo gara mana hidhaa godinaatti wal darbatanii walii isaanii wal dararaa jiraachuu namoonni keessa beekan himan.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Fulbaana 9, 2024 Kaabinoonni maqaan isaanii:
- Girmaayee itti gaafatamaa waajjira poolisii aanichaa,
- Abbabaa qorataa yakkaa aanichaa,
- Wanduu Milkeessaa itti gaafatamaa waajjira paartii Badhaadhinaa aanichaa,
- Tashaalaa Midhaaksaa bulchiinsa aanichaa kan ta’ee fi kanneen biroo hedduun caasaa gandaa PP’n hojiirra oolchuuf tattaafataa jiru qonnaan bulaa dararuudha jedhanii mormuun mana hidhaa godinaatti darbatamanii dararamaa jiraachuun ibsameera.
Kana malees, itti gaafatamaan waajjira milishaa tokko uleedhaan kadireen tokkoo caccabsuun yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen eeranii jiru.

