Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar Aanaalee adda addaatti Kaabinoonni PP walii isaaniin wal hidhaa jiraachuun ifoome

ONM-ABO Onkoloolessa 7, 2024

Kaabinoonni PP kaayyoo sirna impaayerichaa osoo hin beekin fedhaanis ta’u dirqamaan loltoota isaanii bobbaasuun gochoota gara jabinaa uummata Oromoo irratti raawwachaa kan turanii fi jiran yeroo baay’ee walii isaaniitii walitti garagaluun lubbuu walii isaanii balleessaa kan oolan yommuu ta’u, godina Lixa Shaggar aanaalee adda addaa irraa kaabinoonni PP walii isaaniitii wal hidhaa jiraachuun himameera.

Onkoloolessa 3, 2024 Kaabinoonni magaalaa Amboo baay’inni isaanii kan 20 ol ta’e bulchiinsa godina Lixa Shaggar dabalatee loltoota sirnichaan qabamuun mana hidhaatti wal galchanii walii isaaniitii wal dararaa jiraachuu maddeen keenya eeran.

Kana malees, Onkoloolessa 4, 2024 kantiibaan magaalaa Gudar loltoota sirnichaan butamuun mana hidhaatti darbatamuun harkuma walii isaaniitiin wal dararaa jiraachuu namoonni keessa beekan ni dubbatu.

Akka namoonni keessa beekan jedhanitti, kaabinoonni PP walii isaaniin wal hidhanii dararaa hamaa wal irraan gahaa kan jiran yoo ta’u, sababni hidhaa isaanii kunis qaama isaanii olii irraa “maaliif Waraana Bilisummaa Oromoo hin balleessitan” jechuun murtoo dhufe ta’uun barameera.

Exit mobile version