Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar magaalaa Ambootti kaabinoonni bilxiginnaa walii isaaniitii wal irratti ka’aa jiraachuun barame

ONM-ABO Fulbaana 19, 2024

Kaadironni sirnichaa rakkoo keessoo isaaniitti mudatu obsaan furuu kan hin dandeenye ta’uun yeroo adda addaatti waanuma xiqqoo ajandaa godhanii wal irratti kaasuun wal hidhaa, wal ajjeesaa, wal doorsisaa kan jiran yoo ta’u, dararaa wal irratti heddummeessuu bakka hundaatti jabeessanii jiru.

Godina Lixa Shaggar magaalaa Ambootti loltoonni bilxiginnaa walii isaaniitii wal irratti ka’aa jiraachuun barameera.

Magaalaa Amboo irraa kaadiroonni PP gara gandoota aanichaatti caasaa haaraa murni garboomfataa PP yeroo ammaa kana baase dura dhaabbachuun gumgummii hamaa ta’e wal irratti kaasaa kan jiran ta’uu maddeen itti dhiyoo ifoomsan.

Akka maddeen himanitti, bakka itti wal ramadan dhaquu dhabuun walitti deebi’anii “ati achi dhaqi; ragaa sobaa bitatte” waliin jechuun garmalee wal arrabsaa jiraachuu dubbatu.

.

Exit mobile version