ONM ABO Muddee 25, 2024
Qaamoleen Bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti dararaa hamaa raawwachaa oolan cimsuun dabalatatti walii isaaniitii illee walitti deebi’uun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne wal irratti raawwachaa jiru.
Godina Lixa Shaggar aanaa Caaliyyaa ganda Walqixxummaa Tulluu Maraa jedhamu keessaa Muddee 21, 2024 waraanni maafiyaan PP maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun kaabinoota ishee hoogganaa waajjira misooma naannoo fi manaajera gandichaa kan ta’an namoota maqaan isaanii Kumaa Yaaddessaa fi Xaasoo Dhaabaa jedhaman yakkuun mana hidhaa waajjira poolisii aanichaatti darbatanii garmalee dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa fi rakkoo keessoo isaaniitti uumamu dandamachuu dadhabuun yeroo adda addaatti rakkoo cimaa walii isaaniitiin wal irratti raawwachaa kan jiran ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.

