ONM-ABO Waxabajjii 17, 2024
Kaadiroonni PP guyyaa guyyaan saamicha hamaa uummata Oromoo irratti raawwataa kan oolan yoo ta’u, faayidaa karaa dalgaa saba qulqulluu kana saamuun argatan walitti qabachuun yeroo gargar qooddachuuf ka’an haala qilee wal buusuu fi lubbuu walii isaanii balleessuu danda’aniin wal qorachaa oolu.
Haaluma kanaan, murnoonni bilxiginnaa godina Kibba Lixa Shaggar ona Wallisootti saamicha hamaa uummata irratti geggeessaa turan wal saaxiluun akka sareetti wal nyaachaa jiraachuun isaanii ibsameera.
Qabeenya uummataa hatuun faayidaa dhuunfaaf ol kaawwachaa kanneen turan kaadiroonni PP maqaan isaanii: Biraanuu Hayiluu, Gazzaanyi Baayyuu fi Milkeessaa kanneen jedhaman waajjiraalee PP adda addaa keessa yeroo hojjechaa turan hanna cimaa geggeessaniif torbee darbe keessa waajjira poolisii onichaatti hidhamanii jiraachuu jiraattonni onichaa itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.
Namni itti dhiyeenyaan beeku tokko akka ibsetti, “Biraanuun itti gaafatamaa waajjira bulchiinsa onichaa yommuu ta’u, Gazzaanyi waajjira dargaggoo fi ispoortii keessaa hojjeta. Milkeessaan immoo Waldaa Hojii Gamtaa keessaa isa hannaan nama qorqee fixeedha jedha. Amma walii isaaniitii walirratti ka’uun akka sareetti qarriffaan wal nyaachaa jiru, sadan isaanii uummata irratti yakka suukaneessaa raawwataa turan. Hidhamtoota sababa tokko malee hidhaman irraa qarshii nyaachaa turan, amma immoo qarshii qooddachuu irratti wal loluun walii isaaniitii wal hidhan” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

