Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar magaalaa Ambootti loltoonni imphaayera Itoophiyaa walii isaaniin wal hidhaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Adoolessa 18, 2024

Loltoonni bilxiginnaa akkuma ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa raawwachuun dararaa ulfaataa raawwachaa oolan, walii isaaniitii illee sababa ilaalchaan wal irratti duuluun wal dararanii akka sareetti wal nyaachaa kan jiran ta’uun beekameera.

Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar magaalaa Ambootti loltoonni imphaayera Itoophiyaa ija shakkiin wal ilaaluun, nuffii, wal jibbuu,  faayidaa qooddachuu fi k.k.f irratti wal dhabuun walii isaaniin wal hidhaa jiraachuun ifoomee jira.

Jiraataan magaalichaa maqaan isaa akka hin dha’amne barbaadu tokko akka jedhutti, “torban darbe keessa ‘hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu; haala mijeessaafii jirtu’ jechuun walii isaaniin wal shakkanii murna isaanii ‘poolisii idilee’ jedhamuun beekaman keessaa kan baay’inni isaanii 5 ta’an hidhanii garmalee dararaa hammaataa irraan gahaa jiru” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeree jira.

Murni bilxiginnaa mooraa isaanii keessatti wal-qoodiinsa sanyummaa gidduu isaaniitti hammaatee jiruun, mooraan isaanii wayita diigamaa jirutti rifaatuu keessa seenuun bakkoota hedduutti tarkaanfii hidhaa fi ajjeechaas wal irratti fudhachaa akka jiran gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.

Exit mobile version