Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti murnoonni bilxiginnaa walii isaaniin wal hidhaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 9, 2024 

Loltoonni bilxiginnaa akkuma ilmaan Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa adda addaa raawwachuun hiraarfama ulfaataa agarsiisaa oolan, walii isaaniitii illee wal irratti duuluun wal dararanii akka sareetti wal nyaachaa kan jiran ta’uun beekameera.

Haaluma kanaan, godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti murnoonni bilxiginnaa ija shakkiin wal ilaaluun nuffiin wal balfanii faayidaa fi k.k.f irratti waldhabuun walii isaaniin wal hidhaa jiraachuun ifoomee jira.

Namni maqaan isaa akka hin xuqamne barbaadu tokko akka jedhutti, “torban darbe keessa ‘hidhata finxaaleeyyii Amaaraa qabdu; haala mijeessaafii jirtu” jechuun walii isaaniin wal shakkanii murna isaanii angaa’ota godina keessaa hojjetan kan maqaan isaanii:

  1. Birriisaa Hayilee,
  2. Tasammaa Shooneefi
  3. Balaay Ijjiguu kanneen jedhaman walii isaaniitii wal hidhanii garmalee dararaa hammaataa walii isaanii irraan ga’aa jiru” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Exit mobile version