ONM-ABO Hagayya 10, 2024
Caasaan bilxiginnaa uummanni Oromoo qe’ee isaanii irra nagaan akka hin jiraanneef guyyuu loltoota sirnicha qofaa tumsan hawaasatti bobbaasuun qe’ee qonnaan bultootaa barbaddeessaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, keessattuu dhiigni hawaasa qulqulluu fi qabeenyaa jiraattotaa mancaasaa jiraniin shakkii isaan gidduutti uumamee miidhaa wal iirraan ga’uus itti fufaniiru.
Akkuma kanaanis kaadiroonni bilxiginnaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Shaambuu keessatti kaadiroonni ergaa raawwachuu irratti haaloo wal qabachuun, isin paartii badhaadhinaaf sirnaan hojjechaa hin jirtan jechuun Kaleessa Hagayya 9, 2024 kaabinota, milishootaa fi qaamolee aangaa’ota sirnichaa keessaa namoota hedduu hidhanii akka jiran beekameera.
Dabni PP’n hawaasa nagaa irratti dalagaa jiru seenaa xuraawaa ta’ee kan jiru dabalataanis bulchiinsa magaalaa Shaambuutti namoonni meeshaa mana ittiin ijaaran muka daandii gubbaatti baasanii gurguranis ugguramuun hidhaatti guuramaa akka jiran jiraattonni ONM’tti himan.

