Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hidhattoonni faashistii PP fi kaadiroonni Bilxiginnaa waliin ta’uun mana uummataa gubuun jabaate

ONM-ABO Bitootessa 4, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu ganda Goobuu Sirbaa keessatti Bitootessa 2, 2025 hidhattoonni faashistii PP fi kaadiroonni aanichaa waliin bobba’uun mana jiraattootaa sababa ilmaan isaanii miseensota WBO ta’aniif manneen isaanii ibidda itti shiduun jalaa barbadeessanii deemuun ibsameera.

Maatii qabsaa’otaa manneen jalaa gubate keessaa muraasni maqaa arganne:

1. Nugusaa Dhinsaa,

2. Hirphaa Garbaa,

3. Darajjee Nagaasaa,

4. Abarraa Bayyanaa kanneen jedhaman jalaa abidda itti qabsiisuun qabeenyaa mana guutuu waliin barbadeessuun barameera.

Gareen wal ijaaruun dantaa dhuunfaaf wal tumsu murni Bilxiginnaa, ilmoo namaaf naasuu tokkollee dhabuun  golee Oromiyaa cufa keessatti ummata jiruu fi jireenyi itti qaala’ee yaaddoo keessa jiru, qe’ee fi qabeenyaa isaanii barbadeessuun jiraattotatti gadda guddaa uumee jira.

Exit mobile version