Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraana Bilxiginnaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa fi Baalee Bahaatti sarbamiinsi raawwatu cimee itti fufe

ONM-ABO Amajjii 17, 2025 

Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kooticha Maloolee jedhamu keessaa Amajjii 13, 2025 waraanni faashistii PP namoota maqaan isaanii:

  1. Dassaalee Buzuu fi
  2. Addaamuu Mokonnon 

jedhaman jalaa badii tokko malee mana jireenyaa isaanii qabeenya mara waliin ibidda itti shidanii barbadeessuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti, namoonni manaaf qabeenyi isaanii ibidda loltoota Bilxiginnaan jalaa barbadaa’e kunneen badii seeraa raawwataniif osoo hin taane, yeroo ammaa akkuma walii galaatti jiraattota gandichaa hunda sababa “WBO gargaartu” jedhuun dararaa ulfaataa irraan gahaa kan jiran yoo ta’u, hawaasni nagaan ba’ee galuuf illee rakkoo hamaa keessa kan jiru ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees godina Baalee Bahaa keessatti hidhattoonni PP qajeelfama Koloneel Abiy Ahimediin uummata godinichaa keessatti bobbaafamuun qe’ee fi qabeenyaa isaanii barbadeessanii qe’een Oromoo qe’ee boo’ichaa akka ta’uuf tarsiimoo dabaa raawwachaa akka jiran ONM odeeffateera.

Exit mobile version