Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruu keessatti loltoonni Bilxiginnaa manneen qonnaan bultootaa gubuu hammeessan

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kooticha Maloolee iddoo addaa Hadhoo jedhamu keessaa Amajjii 16, 2025 loltoonni addatti ilmaan Oromoo qofa dararuuf bobbaafaman badii tokko malee namoota maqaan isaanii; Ifaa Toleeraa, Alii Indiriis, Aggotee Baanee fi Bashaanaa Hayilee jedhaman jalaa mana jireenyaa isaanii qabeenya keessa jiru hundaa fi bakkeedhaas midhaan ooyiruu irra jiru ibidda itti shidanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Namoonni manaa fi qabeenyi isaanii loltoota faashistii Abiy Ahimediin jalaa barbadaa’e kunneen jiraattota ganda Guddannee Daduu kan ta’anii fi ganda Kooticha Maloolee keessatti  hojii qonnaa hojjechuun kan jiraatan hoggaa ta’an, ergamtoonni sirnichaa  sababa sobaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun qe’ee fi qabeenya isaanii jalaa mancaasuun jiruu gadadoo hamtuuf saaxilanii kan deeman ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version