ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Ergamtoonni Abiy Ahimed kufaatii dinagdee hamaa impaayerattii mudate sababeeffachuun uummata Oromoo ofiifuu qaala’iinsa jireenyaatiin rakkoo ulfaataa keessa jiru irratti saamicha daangaa darbe raawwachuu cimsanii itti fufanii jiru.
Amajjii 2, 2025 waraanni maafiyaan PP aanaa Abaaboo Guduruu ganda Kooticha Maloolee bakka addaa Looyyaa jedhamu keessaa nama maqaan isaa Taayyee Guutamaa jedhamu maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun loon 40 jalaa saamuu jiraataan gandichaa nuti dubbisne tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeree jira.
Akka jiraataan kun himetti, namni kun hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu eeruun, armaan duras haaluma wal fakkaatuun loon 7 jalaa saamanii jiraachuu dubbate.

