ONM-ABO Muddee 22, 2024
Ergamtoonni PP goleewwan Oromiyaa mara keessaa uummata ofiifuu qalaa’iinsa jireenyaan waadamee rakkoo hamaa keessa jiru saamuu cimsanii itti fufuun ibsame.
Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Looyyaa Maloolee jedhamu keessaa Muddee 17, 2024 ergamtoonni qabeenya uummata Oromoo saamuun of jireessan loltoonni Abiy Ahimed nama maqaan isaa Taayyee Guutamaa jedhamu jalaa loon 8 saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen himanitti, akkuma aanichaatti saamichi ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu garmalee jabaatee jiraachuu himuun, nama kana jalaa ammoo “Qeerroo Bilisummaa Oromooti” jechuun saamuu dubbatu.

